ONM-ABO Fulbaana 18, 2024
Dabratsiyoon Gabramikaa’eeliin kan durfamu Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) itti aanaa paartichaa kan turan Geetaachoo Raddaa dabalatee miseensota buleeyyii fi hooggantoota 16 paarticha irraa ittisuu beeksise.
Miseensota buleeyyii paartichi ari’e keessa Pireezidaantiin duraanii Yuunivarsiitii Maqalee Piroofeesar Kindayyaa Gabrahiwoot, hoogganaan biiroo kominikeeshinii naannichaa Radaa’i Haalafoom, Dr. Haagoos Godafaay fi Bayyanaa Mikiruu ni argamu.
Paartichi walgahii koree giddugaleessaa Fulbaana 15, 2024 gaggeesseen murtoowwan garaagaraa dabarsuu ibseera.
Murtoowwan kanneen keessa “miseensonni buleeyyii 16 paarticha bakka bu’anii murtoo siyaasaa kamuu raawwachuu hin danda’an” kan jedhu ni argama.
Paartichi ibsa isaatiin, “namoonni kunneen aangoo bulchiinsa yeroo naannichaa bakka bu’ummaa paartichaan argatan fayyadamuu fi karaa seeraan alaa maallaqa ramadanii paarticha diiguuf hojjechaa jiru,” jechuun himate.
Dabalataan, paarticha bakka bu’anii aangoo bulchiinsa yeroo naannichaa keessa qabatan sirreessuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mari’achuun murtoo akka argatu ni taasifama” jedhe.





