ONM-ABO Fulbaana 19, 2024
Humni goolessaan impaayera Itiyoophiyaa dirqii fi maallaqaan akkasumas gowwomsaan ilmaan Oromoo guuree dirree waraanaatti naqee akka ittiin uummata saaman leenjisee bobbaasus dargaggoonni dhugaa jirtu hubachuun hannaa fi soba isaanii, cubbuu uummata irratti raawwachiisaa jiran diduun mooricha gananii WBO’tti harka kennachuu itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan Baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu mooraa waraanaa magaalaa Limmuu keessaa Fulbaana 16, 2024 miseensotni faashistii PP lama mooraa diinaa ganuun WBO naannicha keessa socho’aa jirutti harka kennachuun ifoomeera.
Miseensonni kunniin qawwee gurraacha Turkii 1 fi qawwee dachaatuu 1 walumatti qawwee lama rasaasa AKM 410 fi hidhannoo lama fiduun mooraa diinaa onsanii mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo gabbisanii jiru.
Akka ONM miseensota raayyaa ittisa impaayerattii duraanii kana lamaan dubbise jedhanitti quunnamti WBO dhaba achi keessa akka turan kaasuun simannaa WBO’n taasiseefitti gammadanii WBO maqaa xureessuu fi miseensa sodaachisuuf kan nuun jechaa turan sobas jedhan.
Akkasumas waanti mooraa isaanii keessatti deemaa jiru diigamiinsaa fi wal dura dhabbachuu qofa taatee jirti jechuun dirqamumaan deemii dhukaasi jedhu malee waraanni dhukaasuuf fedhii tokkollee hin qabus jedhan.
Gocha osoo hin beekinis ta’e beeknee raawwachaa turreef uummata Oromoo dhiifama gaafachuun kanneen meeshaa diinaa baachuun saba keessan irratti daba hojjechaa jirtan meeshaaf hidhannoo keessan qabadhaatii qabsoo saba keessanii kan WBO’n geggeeffamaa jirutti makamaa jechuun dhaamsa isaanii dabarsanii jiru.


