• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Saasiggaatti dargaggoon tokko waraana faashistii PP’n ajjeefamuun qabeenyi maatii isaas saamame 

Sep 22, 2024

ONM-ABO Fulbaana 19, 2024

Murni abbaa irree dhufaa darbaan dantaa siyaasaa fi dinagdee isaanii dursuun impaayera Itiyoophiyaa keessatti gargaarsa biyyoota alaatti dhimma ba’uun sarbama mirga namoomaa raawwachuu itti fufanii jiru.

Bifuma kanaan murni Bilxiginnaa waraana isaa bobbaasuun fedhii cunqurfamootni bilisummaaf qabaniif deebii isaa rasaasa taasisuun ilmaan Oromoo kanneen siyaasa kamirraa walaba ta’an ajjeesuu itti fufuun Fulbaana 17, 2024 godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Fayyinee jedhamtutti dargaggoo tokko ajjeesuun himameera.

Dargaggoon ajjeefame kun maqaan isaa Tasfaayee Mokonnon Garbaa jedhama. Waraanni PP bulchiinsa magaalaa Jimaatee irraa bobba’e galgala sa’a 2:30 irratti maatii isaa biraa gadi baasuun yakka tokko malee rasaasa itti roobsanii ajjeesuun himameera.

Gara jabeeyyiin waraana koloneel Abiy Ahimed kunneen  erga ajjeechaa suukkanneessaa raawwatanii booda qabeenyaa obbo Mokonnon Garbaa Lukkuu, loon, harree fi maallaqa callaa mana keessaa qarshii 56,000 saamanii jiraachuun barameera.

Leave a Reply