• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee magaalaa Beddelleetti lafti giddu galli aadaa itti ijaaramuuf ture abbootii qabeenyaaf kenname

Sep 22, 2024

ONM-ABO Fulbaana 18, 2024 

Ergamtoonni bilxiginnaa yeroo adda addaa lafa hawaasaa saamuun bu’aa dhuunfaa isaanii qofaaf oolfachuun waa’ee sabaa achi gatuun garaa isaanii furdifataa jiru.

Godina Buunnoo Beddellee magaalaa Beddelleetti lafti giddu galli aadaa itti ijaaramuuf ture abbootii qabeenyaaf kennamuun eerame.

Bara 2021 keessa magaalaa Beddelleetti ergamtoonni bilxiginnaa “giddu gala aadaa ijaarra” maqaa jedhuun lafa magaalicha keessaa kennanii kan turan, yeroo ammaa kana abbaa qabeenyaa tokkoof kennuu Abbaan Gadaa Maccaa duraanii dubbatan.

Akka Abbaan Gadaa kun jedhanitti, “ani Abbaa Gadaa Maccaan ture. Shira narratti xaxuun loltoonni Bilxiginnaa waggaa 2’f mana hidhaatti na darbatan. Sababa ani hima isaanii didee fi fedhii isaanii guutuu dhabeef na hidhan, gaafan hidhaatii ba’u Abbaa Gadaa ta’uu kiyya narraa mulqanii, waa’een giddu gala aadaa sunimmoo, lafti akka galmi ijaaramuuf saxaxni isaa qarshii 50,000 bocame ture akka hafen dhaga’e jedhan. Lafti kun har’a abbaa qabeenyaa tokkoof kenname” jechuun himan.

Abbaa Gadaa warri amma harka bilxiginnaan magaalaa Beddelleetti filataman, maqaa Abbaa Gadaan bu’aa siyaasaa Bilxiginnaa hojjechaa oolu malee dhimmuma Gadaa keessa kan hin beekne ta’uu himuun, Gadaan amma seera isaatiin bulaa jira osoo hin taane Bilxiginnaatu akkuma caasaa isaaniitti laaqaa oola jechuun ibsaniiru.

Leave a Reply