ONM-ABO Fulbaana 20, 2024
Ministirri Fayyaa Libaanos Firas Abiywad akka jedhanitti, meeshaaleen quunnamtii harkaa miseensonni Hizboollaa fayyadaman guutuu Libaanos keessatti dho’uun, lubbuun namoota 37 kan galaafatee fi 2,931 madeesse yoo ta’u, miidhaa qaqqabe kanaaf Israa’eliin komataniiru.
Abiyaad akka jedhanitti, Roobii namoonni 25, Kibxata ammoo namoonni 12 ajjeefamaniiru, kunis lakkoofsi kanaan dura walumaa galatti namoota 32’tu du’e jedhu fooyyessee jira.
Oduu gaanfa Afrikaan ammoo Ministirri Dhimma Alaa Turkii Hakaan Fidaan Kamisa kaleessaa akka jedhanitti, walii galtee ulaa galaanaa Itoophiyaan naannoo Somaalilaandii adda baate waliin mallatteessan irratti waliigalchiisuuf Somaaliyaa fi Itoophiyaa waliin addatti haasa’uuf akka karoorfatan ibsuun, tattaaffiin gidduu seenummaa boodarra akka itti fufu himaniiru.
Turkiin hanga ammaatti walga’ii marsaa lama Somaaliyaa fi Itiyoophiyaa gidduutti taasifame kan keessummeessite yoo ta’u, walitti dhufeenya biyyoota ollaa suphuu irratti xiyyeeffateera. Marsaan sadaffaan Kibxata Ankaaraatti gaggeeffamuuf ture haqamuun isaa beeksifamee ture jechuun Rooyiteers fi VOA’n gabaasaniiru.


