• Wed. Nov 25th, 2026

Pirezidaantiin Taanzaaniyaa Ameerikaa fi biyyootni dhihaa dhimma biyya isaanii keessa seenuu himatan

Sep 22, 2024

ONM-ABO Fulbaana 18, 2024 

Pirezidaantiin Taanzaaniyaa Ameerikaa dabalatee biyyoota dhihaa hedduu Kibxata kaleessaa ceepha’aniiru. Biyyootni kun ajjeechaa fi butamuu dabalatee dhimma keessoo biyyattiin qabdu qeequun isaanii ni yaadatama.

”Biyya keenya akkamitti akka geggeessinu nutti akka himaniif  as hin jirru,” jedhan Samiya Suluhu Hassan naannoo kaaba baha Kilimanjaro naannoo Moshiitti.

Saamiyaan kallattiin maqaa imbaasii kamiyyuu osoo hin kaasne, jeequmsa qawwee USn raawwatamu akeekuun, taateewwan kun “biyya hunda keessatti kan raawwataman” ta’us Taanzaaniyaan “ambaasaaddaroonni ishee dhimma keessoo saboota biroo keessa akka seenan qajeelfama kennitee hin beektu” jechuun hubachiifteetti.

Hassan ibsa Imbaasiin Ameerikaa Fulbaana 9 kenne kan ajjeechaa hogganaa duraanii paartii mormituu guddaa Taanzaaniyaa CHADEMA kan ta’e Alii Mohaammad Kibawoo kan reeffi isaa qaama isaa irraa muramee Daares Salaamitti gatame irratti qorannoon walabaa akka gaggeeffamu gaafateef deebii kennaa turan.

Ibsi waloo Fulbaana 10 itti gaafatamaa ergama Gamtaa Awurooppaa, komishiniiwwan olaanoo Biriteen fi Kanaadaa fi Imbaasiiwwan Noorweey fi Siwiizarlaandiin bahan yaaddoo ”gabaasa ykn gocha jeequmsaa dhiheenya kana, dhabamuu fi du’a qabsaa’ota siyaasaa fi mirga namoomaa” ilaalchisee jiru ilaaleera.

Mootummaan ishee dhiibbaa alaa malee Heera Mootummaa eeguu fi ittisuuf kutannoo akka qabu irra deebitee kan mirkaneessite Saamiyaan, dippilomaatonni biyya alaa Taanzaaniyaa bulchiinsa ishee irratti ”akka teeknishaanota qajeelchanitti akka hin hojjenne” dhaamaniiru.

“Nageenya Taanzaaniyaa eeguu fi heera mootummaa Taanzaaniyaa eeguuf kakuu gallee jirra, itti gaafatamummaa keenya waan ta’eef eegumsaa fi tasgabbii Taanzaaniyaa guddisuuf waan danda’amu hunda ni goona jechuu Al Jazeeraan gabaaseera.

Leave a Reply