ONM-ABO Fulbaana 22, 2024
Uummanni Oromoo bara murna PP keessa gochaa isaa malee maqaa hidhata WBO qabdaan ija shakkii qofaan yakkamuun Oromiyaa golee mara keessatti hidhaa seer-malee, qabeenyaan saamamuu, manneen isaa gubachuu fi ajjeechaaf saaxilamee jira.
Haaluma kanaan Fulbaana 19, 2024 aanaa Jajuu ganda Simbixee Fincoo keessatti maqaa WBO wajjin hidhata qabdu jedhuun waraanni PP ummatatti bobba’uun manneeen uummata jumlaan gubanii jiraachuu maddeen ifoomsaniiru.
Maqaan namoota manneen jalaa gubatee kan ammaaf nu gahe:
- Amaan Abdulbasxii,
- Amaan Mahaammad,
- Gazzaalii Mahaammad,
- Sheek Muhaammad Abdulsamad,
- Asharafuu Sheek Maammiyaa,
- Abbaas Abbisee,
- Ziyaad Abdulqaadir,
- Afizuu Sheek Mahaammad Amiin,
- Huqaatuu Tamaam,
- Qamaaruu Eliyaas,
- Jeyilaal Kabiir Aliyyee,
- Abdurraaman Sheek Mahaammad kan jedhaman yoo ta’an,
- Kamaal Jamaal namni jedhamu ammoo namoota hedduu wajjin ganduma kana keessaa hidhamee jiraachuu maddeen dabaluun ibsaniiru.
Haalli yeroo ammaa impaayerattii keessatti adeemaa jiru haala jireenya keenyaf abdii nu kutaachisee jira, takkaa dararaa akkasii hin argine ofii keenyaa akka nuti of ajjeesu kan nu taasisaa jiruudha jechuun jiraataan aanaa sanarra dubbisne tokko Arraata biyyoolessa Oromiyaatti yaaddoo isaa dubbatee jira.

