ONM-ABO Fulbaana 23, 2024
Gareen uummata Oromoo lafa irraa duguuguuf dirqama fudhatee bobba’e guyyaa guyyaatti bifa dhokataa fi mul’adhataa ta’een uummaticha lafa irraa duguugee gadaa aangoo isaa dheereffachuuf waraana isaa bobbaasee tarkaanfii hadha’aa fudhatu jabeessee jira.
Haaluma kanaan ergamtoonni ergama jal’inaa akkanaa qabatanii socho’an, godina Baha Shaggar aanaa Liiban Cuqqaalaa ganda Gogoo jedhamu keessatti bobba’uun dargaggeessa ilaalcha siyaasaa kam keessaallee ga’ee hin qabne nama maqaan isaa Roorrisaa Awwaash jedhamu Fulbaana 22, 2024 guyyaa toora sa’a 4:00’tti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu maddeen keenya gamasii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Yeroo ammaa waraanni impaayerattii keessatti deemaa jiru mudduun gubbaadhaa hanga gaditti caasaan bilxiginnaa waan qabanii fi gad dhiisan wallaaluun bakka deeman maratti lubbuu namaa galafachaa kan jiran yoo ta’u, uummanni ba’uu fi galuu rakkatee rakkoo hamtuutti kufee jira.
Dargaggeessi Roorrisaa Awwaash jedhamu kunis badii tokko malee dhiigni isaa jiguun maatii fi hawaasa naannichaatti gadda uwwisuun barameera.

