• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Jimmaa Arjootti hidhaa fi dararaan waraana garboomfataa PP’n jabaate

Sep 23, 2024

ONM-ABO Fulbaana 23, 2024 

Murni Bilxiginnaa milishoota gaachana sirnaa jedhamanii fi waraana gara jabeeyyii, humnoota poolisii waliin qindeessee baadiyyaatti bobbaasuun qonnaan bultoota saamuu, hidhuu, manneen irratti gubuu fi ajjeesuu cimsee jira.

Bifuma kanaan jiraattonni godina Baha Wallaggaa aanaa  Jimmaa Arjoo rakkoo hammaataa waraana garboomfataa PP’n argaa jiran haalaan isaan yaaddessuu kan himan yoo ta’u, torban kana keessa qofaa namoota soddomaa ol ganda Abootee Dhidheessaa jedhamu irraa qabuun akka hidhan ibsan. 

Namoonni hidhamanis maqaan isaanii: 

  1. Tolasaa Margaa, 
  2. Bookii Xaafaa,  
  3. Baqqalaa Xaafaa, 
  4. Mindaa Xaafaa, 
  5. Gammadaa Bojaa 
  6. Takkaa Taaddasaa, 
  7. Abbuushaa Taaddasaa, 
  8. Burtukaan Dirribaa, 
  9. Chuuchee,  
  10. Buzunaa Gabshiroo, 
  11. Adaanaa Tsagguu, 
  12. Muluu  Absaa,  
  13. Asaamminoo Abbabbuu, 
  14. Qubsaa Fayyee,  
  15. Jeneraal Charuu, 
  16. Asaffaa Charuu, 
  17. Buloo Fiqiruu, 
  18. Nugusee Tafarii, 
  19. Bayyanaa Dajanuu, 
  20. Bashanaa Dirbabaa, 
  21. Fayyee Eebbaa, 
  22. Girmaa Boggaalaa, 
  23. Barkoo Fayyisaa fi 
  24. Mitee Fayyisaa kanneen jedhaman dabalatee namoonni hedduun hidhamuun hiraarfamaa jiru.

Oduu saamichaan wal qabatuun ammoo loon nama dhuunfaa kan obbo Bokii Xaafaa qotiyyoo shan jalaa ooffachuun kan deeman ogguu ta’u,  dabalataanis namoota hedduu irraan reebicha akka ga’an jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply