ONM-ABO Fulbaana 22, 2024
Ilmi hogganaa Yugaandaa yeroo dheeraaf tajaajilaa turan Yoweri Museveni filannoo itti aanu bara 2026 gaggeeffamu irratti pirezidaantummaaf dorgomuuf karoora qaban dhiisuu isaanii Sanbata kaleessaa ibsuun, deeggartoonni isaa abbaa isaa akka deeggaran dhaameera.
Waggoota 38f biyyattii kan hoogganan Pirezedaanti Museeveeniin, hanga ammaatti kaadhimummaa isaanii mirkaneessuu baatus irra deebiin filatamuuf akka dorgoman bal’inaan eegama.
Muhoozi Kayinerugabaan waltajjii miidiyaa hawaasaa X, duraan Tiwiitara ture irratti maxxansaniin, ”bara 2026 dorgomaa filannoo akkan hin taane beeksisuun barbaada,” jedhan.
”Filannoo itti aanu irratti pirezidaant Yoweri Museveni guutummaatti nan deeggara,” jechuun deggartoonni isaa marsaa torbaffaaf abbaa isaanii akka deggaran dhaame.
Mormitoonni Yugaandaa yeroo dheeraaf Museeveeniin Yugaandaa irratti sirna mootii fe’uu barbaada jechuun himachaa turanis — himannaa kana Museeveeniin ni haala.
Museeveeniin nama ganna 80 bara 1986 irraa eegalee Yugaandaa kan bulchaa turan yoo ta’u, bulchiinsa isaanii dheeressuuf heera mootummaa yeroo lama jijjiiree jira.
Falmitoonni mirga namoomaa fi mormitoonni siyaasaa isaa kanneen akka urjii pop gara nama siyaasaatti jijjiirame Boobii Waayin dabalatee yeroo dheeraaf Museveniin humna nageenyaa fayyadamuun deggartoota mormitootaa mana hidhaatti galchuu, sodaachisuu ykn dararuu jechuun himachaa turuu Rooyiters gabaaseera.




