ONM-ABO Fulbaana 23, 2024
Afaaniin nagaa labsaa uummata Oromoo irratti duula duguuggaa sanyii (genocide) labsuun loltoota isaa bobbaasee hawaasa nagaa rasaasaan tumsiisaa, mana irratti gubuun kaan immoo yakka tokko malee hidhaatti guuree achi buutee dhabamsiisuun dararaa hamaa irraan ga’aa jiraachuun ibsameera.
Magaalaa Buraayyuu keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa sabboontota ilmaan Oromoo adamsanii ukkaamsuun achi buutee isaanii dhabamsiisaa kan jiran yommuu ta’u, imaltoota Lixa Oromiyaa irraa gara Finfinnee imalan konkolaataa irraa buusuun haala duraan barameen olitti hawaasa nagaa dhabamsiisuu itti fufuun eeramee jira.
Magaalaa Buraayyuu bakka Keellaa Gafarsaa jedhamutti konkolaataa uummataa keessaa buufamuun namoonni hedduun ukkaamfamanii loltoota sirnichaan achi buuteen isaanii dhabamuun haala duraan barameen olitti cimee itti fufee jiraachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan kan dubbatan yoo ta’u, kun ammoo imaltootaa fi jiraattota naannoo irratti yaaddoo uumuun barameera.
Kana malees, magaalaa kanatti sababa tokko malee namoota dalagaa isaaniif deeman irratti kaadiroonni fi milishoonni PP kanneen baay’inni isaanii hawaasichaa ol ta’an bobbaafamuun hawaasa hunda ija shakkiin ilaaluun bilbiloota heyyama tokko malee jiraattota harkaa fuudhanii sakatta’u.
Namoota sakatta’an irratti yoo suuraa Oromummaa calaqqisiisan keessatti argan “hidhata WBO qabdu” jedhanii jiraattota saamuun reebicha hamaa irraan ga’aa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.


