• Tue. Nov 24th, 2026

Miseensotni waraana PP 3 qawwee AKM fi isnaayippera qabatanii WBO’tti harka kennatan

Sep 23, 2024

ONM-ABO Fulbaana 21, 2024

Murni faashistii PP ilmaan Oromoo afaan qawween cabsee Itiyoophiyummaa jalatti akka jiraataniif hojjechaa jiru dargaggoota Oromoo kaayyoo isaa galmaan ga’aniif humnaa fi goyyomsaan qabee leenjii waraanummaa kennuufiin akeeka abaaramaa kanaaf bobbaasus mooricha gananii badaa jiru.

Haaluma kanaan miseensotni waraana PP sabaan Oromoo ta’an Fulbaana 20, 2024 godina Baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu bakka Neetwoorkii jedhamu irraa qawwee fi hidhannoo guutuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti makamanii jiru.

Miseensotni waraana PP duraanii kun qawwee AKM 2, isnaayippera 1 fi rasaasa AKM 480 qabachuun WBO bira nagaan ga’aniiru.

Ilmaan Oromoo murna PP’f ergamaa turan kun goyyomsaa siyaasaa PP maqaa mootummaa Oromoo kuffisuuf jedhuun goyyomne badii hojjechaa turreef dhiifama saba miine gaafanna jechuun, simanmaa WBO biraa argataniifis gammachuu itti dhagaa’ame ibsataniiru.

Mooraan Bilxiginnaa jibbiinsa sanyummaa fi dorgommii aangoon kan guuteedha kan jedhan miseensotni kun, Abiy Ahimediin aangoo irra tursuutti yakka seenaan hin daganne raawwachaa jiru jedhan.

Oromiyaa akka diinaatti waan ilaalaniif waraanni Bilxiginnaa fi finxaaleeyyiin Amaaraa miidhaa irraan ga’aa jiru kan jedhan ilmaan Oromoo kun, gocha kana taa’anii ilaaluu irra keessaa ba’uu akka filatan himan.

Dhuma irrattis bilxiginnaan ilmaan Oromoo siyaasa isaa uummata fudhachiisuuf ofiifis uummatas aarsaa kaffalchiisaa kan jiru yoo ta’u, hojiin isaanii kun sirrii akka hin taane hubachuun qawwee fi hidhannoo isaanii waliin WBO’tti akka makaman dhaamsa dabarsaniiru.

Leave a Reply