• Wed. Nov 25th, 2026

Mormiin lammiilee Falasxiin deeggaruu Morookootti geggeeffame

Sep 23, 2024

ONM-ABO Fulbaana 22, 2024

Haleellaa Israa’el Gaazaa irratti raawwatte balaaleffachuu fi Falasxiinotaaf deeggarsa agarsiisuuf guutuu Morookootti hiriirri 100 ol qophaa’eera.

Gareen waldaalee siivikii Morookoo kan ta’e Faawundeeshiniin Deeggarsa Dhimmoota Ummaa akka beeksisetti magaalota 50 keessatti hiriirri mormii 106 gaggeeffameera.

Mormitoonni dhaadannoo diddaa Falasxiinotaa deggeruu fi jeequmsa Israa’el Gaazaa, Weest Baankii fi Falasxiin hunda keessatti raawwattu, akkasumas Ameerikaa fi biyyoota dhihaa Israa’el deggaruu fi addunyaan Arabaa “callisuu” jechuun dhageessisan.

Haleellaa Israa’el Libaanos, Yaman, Sooriyaa fi Iraaq keessatti namoota nagaa irratti raawwattes balaaleffataniiru.

Magaalaa guddoo Raabaat dabalatee magaalota keessatti guyyaa guyyaan mormiin gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, haleellaan Israa’el akka dhaabbatu, uggurri akka kaafamuu fi gargaarsi namoomaa Gaazaatti akka geessu gaafatu.

Onkoloolessaa 7, 2023 irraa eegalee haleellaa Israa’el Gaazaa keessatti yoo xiqqaate lammiilee Falasxiin 41,272 kan ajjeese yoo ta’u, daa’imman 16,795 fi dubartoota 11,378 dabalatee, 95,551 ammoo madaa’aniiru jechuun BBC’n gabaaseera.

Leave a Reply