ONM-ABO Fulbaana 21, 2024
Paayileetiin Niwuu Ziilaand Filip Mehirtens erga butamee ji’oota 19 booda naannoo baha Indooneezhiyaa Paapuwaa rakkoo guddaa keessa jirtu keessatti finciltootaan bilisa ba’e.
“Har’a balaliisaa Filiip, kan fayyaa gaarii qabu fudhannee, Nidugaa irraa gara Tiimikaatti balaliineerra,” jechuun itti gaafatamaan kutaa addaa waldhabdee Paapuwaatti mudate to’achuuf ijaarame Fayizal Ramadaani ibsa Sanbata har’aa kennaniin dubbataniiru.
Mehirtens qorannoo fayyaa dabalataa fi qorannoo fiiziyoloojii taasifamaafii jiraachuu poolisiin Indooneezhiyaa dabalee ibseera.
Loltoonni Waraana Bilisummaa Biyyoolessaa Paapuwa Dhihaa (TPNPB) bara darbe Guraandhalaa 7 Mehirtens xiyyaara daldalaa isaa xiqqaa naannoo fagoo fi gaarreen Nudugaatti erga buuse booda butaniiru.
Indooneezhiyaan Paapuwaaf walabummaa yoo kennite qofa bilisa isa baafna jedhanii turan.
Uummanni dhalootaan Paapuwaa kan saba Melaaneeshiyaa ta’an, rifarandamii falmisiisaa Mootummoota Gamtoomaniin deggaramee booda naannoon kun Indooneezhiyaa keessatti erga hammatamtee as Indooneezhiyaa irraa walabummaa argachuuf qabsaa’aa jiru.
Poolisiin Indooneezhiyaa Sanbata booda gadhiifamuu Mehrtens irratti ibsa gaazexeessitootaaf akka kennu ibseera.



