• Sun. May 3rd, 2026

WBOn godina Baalee Bahaa aanaa Kolooba Suraraa keessatti diina du’aa fi madoon adabuu beeksise

Sep 23, 2024

ONM-ABO Fulbaana 20, 2024

Irree fi wanteen sabaa WBOn Cibraa Madda Walaabuu diina maqaa sakkattaa WBO jedhuun bobbaatee uummata nagaa maqaa garaagaraa itti moggaasuun hiraarsaa jirtu irratti tarkaanfii guggubduu fudhachuun miidhaa irraan ga’uu itti fufee jira.

Haaluma kanaan har’a Fulbaana 20 korommiiwwan Kibba Baha Oromiyaa jajjabeen Baddaa Baalee loltoota impaayeraa Itoophiyaa jalatti hawaasa afaan qawween bulchuuf dhamaatu godina Baalee Bahaa aanaa Kolooba Suraraa keessatti rasaasaan akaa’ee baruudaan macheessuun loltoota tiksitoota teessoo Abiy Ahimed hedduu du’aa fi madoon adabee gargar tamsaasuun gara magaalaa irraa dhuftetti deebisee jira.

Lolaa sana irraa kan haftee isinituu WBO nu lolchiisaa jira jechuun yeroo iddoo lolaa irraa gara magaalaatti deebitu namoota daandii gubbaatti argite hedduu reebaa turu gabaasni achii nu qaqqabe ni addeessa.

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading