Wareegama Warraaqsa Qeerroo fi Qarreen dirreen siyaasaa Impayera Itiyophiyaa bara 2018 kan saaqame fakkaatus, jijjiirama yeroo gabaabduu keessaa akka ABOn biyyatti deebi’ee dorgomaa siyaasaatti Boordii filannoo Biyyoolessa keessatti galmaawu tolche. Waliigaltee ABO fi mootummaa Itoophiyaa wajjiin godhame ifa ta’uu baatus ABOn akka dirree lolaa lagatee dirree siyaasaa keessatti dorgomuun ni dandahama jedhee abdatee ture. Sababa kanaanis ABOn Fulbaana 15 bara 2018 dorgomaa siyaasaa ta’uuf, walii galtee afaanii kan qaamni sadaffaa keessatti hin hirmaanne fudhatee biyyatti deebi’e.
Mootummaanis waadaa afaaniin seene cabse. Karoorri hidhannoo hiikkachiisuu, caasaa waraanaa dachaasuuu, ijaarsa nageenyaa fi hawaasaa keessatti deebisanii qubsiisuuf ture hundi fashale. PPn dorgommiin siyaasaa bifa kamiiyyuu Oromiyaa keessatti akka jiraatu hin haayyamtu. Koreen gidduu-galeessa PP humnoota siyaasaa Oromoo hundumaa balleessuuf dhoksaan shira xaxuuf ragaan gabaasa Royter koree ajjeechaa kan maqaa ‘koree nageenyaa’ qabu gabaase dha.
Akkuma ABOn biyyatti deebi’een, osoo oolee hin bulin, mootummaan gama tokkoon caasaa basaasaa isaa bobbaasee, gama kaaniin ammoo namootaa fi lukkeelee isaa duula maqaa balleessii ABO irratti geggeessan bobbaase. ABO irratti duula shoorarkeessaas geggeessuun, yakka malee yakkuu fi dharaan irratti duuluun hujii guyyuu ta’e. PPn walitti bu’iinsa dhalchitee dhiiga namoota hedduu dhangalaasuu hojii godhatte.
PPn ‘’waliigaltee Asmaraa’’ ABOtu gufachiise jettee yakkuu itti fufte. Dhugaan jirtu garuu waadaa afaanii kan Asmaraa kan cabse PP dha. Jalqabuma irraa kaasee akkuma EPRDFttu ABO balleessuuf imaammata dhoksaa qabaachaa turte. ABO harkisanii rukuchuu yoo dide nagaa hin barbaadu jedhanii maqaa xureessu kan jedhu bara hedduu naanneessaa turan. Waliigaltee afaanii Asmaraa hujii irra oolchuun ijjannoo ABO ta’uun beekama. PPn dhimmaa hidhannoo hiikkachuu sababaa godhatee WBO yakkuu bira dabree waraana waliigalaa irratti labse. Yeroo torbaanoota lama keessatti WBO balleessa jedhee dhaadachuu itti fufe. Garuu, WBOn tarkaanfii diina of-irraa faccisuu fi dantaa Oromoo tiiksuu hundee godhatee socho’uu itti fufe.
Hogganni sadarkaa Shanee Gumii ABO irra jiru maqaa ‘’haasawa nagayaa’’ jedhuun, bakka qaamni sadaffaa hin jirretti, murtii tasaa dabarsuun, jaarmayaa keessatti gungummii fi wal-diddaa uumee ture. Murtii kana dabrsuun duratti mariin sonaqabeessi jaarmayaa keessatti, keessattuu humna waraanaa wajjiin godhamuun hanqachuu fi jaarmayaan murtii hoggana Shanee Gumiitiin qofa biyyatti deebi’uun dogoggora ture. Shaneen Gumii murtii guddaa akkasii kennuuf aangoo seeraa fi heeraa itti hin qabu. Akkaataan Shaneen Gumii otoo mariin hirmaachisaan hin godhiin gara biyyaatti deebihuun miseensota biratti gaaffii seera-qabeessummaa kaasee ture. Hogganni sadarkaa shanee gumii jirus akka hin dhageenyeetti bira dabre. Hogganni ABO osoo walii-galteen sirnaa hin mallatteeffaminii fi bakka qaamni sadaffaan hin jirretti biyyatti galuun kiyyoo aadaa siyaasaa Itoophiyaa, wal ganuu fi shira wal-irratti xaxuun beekamu keessatti isa kuffise. Miseensonni WBO kanneen humna nageenya biyyaa keessatti makamuuf mooraa leenjii seenan miidhaa fi hiraarfama ulfaataaf saaxilaman.
ABOn miseensota WBO waliin wal qunnamtii qabu irraa dhorkame. PPn hariiroo ABO fi WBO gidduu jiru kutuu irra darbe gaaffii ABOn miseensota waraanaa moonaa seenan waliin wal quunnamsiisuu dide. Tarkaanfiileen jalqaba walii-galtee Asmaraa hujii irra oolchuuf fudhataman PPn amanamummaa fi murannoo akka hin qabne ifatti baase.
Dhiibbaa manguddootaa, namoota bebbeekkamoo fi hayyoonni godhan irraa kan ka’e hogganni ABO WBO irraa fagaachuu fi qunnamtii kutuu filate. ABOn, WBO irraa addaan cituu isaa qolaa baafatee addeesse; ifattis labse. Osoo kun ta’ee jiruu ABOn WBO wajjiin qunnamtii qaba jedhamee yakkamuun ittuma fufe, osoo seeraan Boordii Filannoo keessatti galmaayee jiruu ABO irratti duulanii laamshessuun hanga har’aatti hin dhaabbanne. Kanaafuu qabxiileen armaa gadii irratti hundoofnee hariiroo ABO fi WBO gidduu jiru maal akka fakkaatu ilaalla.
A. ABOn akka paartii siyaasaa seeraan Impayerittii keessatti galmaaye waan jiruuf WBO hogganee PP lolchiisuu akka hin dandeenye ifa galaa ta’e.
B. Miseensotni Shanee Gumii ABO wayyabni miseensa PP ta’anii, rimiddii bakka hin mul’anneen sadarkaa naannoo fi federaalaatti bulchiinsa mootummaatti dabalaman. Kaayyoo Goototi ilmaan Oromoo irratti wareegaman ganan. Haamilee itti WBO itti hogganna jedhanis dhaban.
C. Kanatti dabalees caasaan basaasaa fi basaastonni fuul-lamiin caasaa ABO keessa seenan. Sababii kana irraa kan ka’e hogganni ABO birmadummaa jaarmayaa fi dilbii siyaasaa dhabe. WBOf kallattii siyaasaa kennuus hin dandahu.
D. Hogganootaa ABO ol’aanoon jumlaan guuramanii mana hidhaa keessatti
Hiraarfamaa turan, jiru. Kan amma dhihoo fakkeessiif hogganootaa fi qondaalota torba mana hidhaatii baasaniin alatti ilmaan Oromoo hidhaa keessatti dararaa ulfaataa argaa jiran lakkoofsi isaanii kumaatamaan lakkaawama. Hogganoota hagoon kan ejjennaan isaanii PP hin miineen alatti, hordoffii fi hudhaa caasaa basaasaa PP jala jiru. Kanneen hafan ammoo shira micciirraa siyaasaan mootummichaa jalatti kufani. Kanaafuu, hogganni ABO gara Finfineetti deebi’e guutuu guututti waan laamshaheef, sochii siyaasa fi qajalfama tarkaanfii WBOf kennuu isa dandeessisu dhabe. Qabatamaatti, hoggganni ABO Finfinneetti deebi’e, humna seeraa, anniisaa siyaasaatii fi dandeettii hojii ittiin socho’u dhabe.
Gariin ammoo koree teknikaa keessa seenanii WBO harka kennachiisuuf dhama’aa turan. Sana boodas, gama tokkoon WBO akka qaama akeeka hin qabnetti, warra daggalatti hafe jedhanii ibsaa turan, isaan waliins quunnamtii hin qabnu jedhanii lallaban. WBO akka Shiftaa akeeka siyaasaa hin qabne fakkeessanii deeggarsa siyaasaa uummataa fi hawaasa idil addunyaa dhorkuuf tattaafatan. Gama biraatiin ammoo nutu WBO hoggana jedhanii maallaqa ittiin kadhachaa fi deeggarsa uummataa itti barbaaddachaa turan. Kanaafis, miseensota WBO dirree jiran quunnamanii, maallaqa bubuutuu itti erguun bituuf tattaafachuu, akkasumas akka WBO wal irraa qajeelfama hin fudhanne danqaa ta’aa turan. Qaamni kun Oromoo gama siyaasaatiin kasaarsanii humna Waraanaanis laamshessuuf akeeka diinaa fudhatanii sosso’an irratti WBOn dammaqee tarkaanfii saffisaa fudhate.
Haala kanaan WBOn qaawwaa hoggana siyaasaa uumame kana cufuuf Adoolessa bara 2021 Oromiyaa dirree walabaa keessatti Kora Guddaa gaggeefate. Kora kana irratti hogganoota siyaasaa WBO, qondaalotaa fi ajajootni waraana WBO fi deggertoonni WBO Oromiyaa guutuu keessaa qaamaa fi quunnamtii hammayyaan irratti hirmaatan. Korri kun haala Qabsoon Bilisummaa Oromoo keessa seente ilaalee, hogganaa siyaasaa fi waraanaa akka Ajajaa Olaanaa ABO-WBO jalatti hogganamu murteesse. Kora Kanaanis, ABO-WBOn itti gaafatamummaa ol’aanaa kan sochii WBO hogganuu, dhimma siyaasaa fi dirree diplomaasii qindeessuu fi qajeelchuu fudhate. Moggaasni ABO-WBO jedhus siyaasnii fi waraanni qaama tokko jalatti waaltawuu fi tokkoomuu akeeka.
Har’as, warri PP waliin hojjetan, Jeneralota PP quunnamanii akka tokkummaa WBO diigamu dhama’an, biyya alaa keessa maadheffatanii soshal media irra sosso’aa jiru. Miseensota WBO raqa baran, ergamtoota PP har’aas soshal media irratti ololaa jiru. Kunis, akka Oromoon qabsoo isaa irraa fuula deebisuuf ergama PPn itti kennite dha. Oromoon ergamtoota diinaa kana hubatee jira. Hojiin isaanii ifatti mul’achaa jirti.
ABO-WBO jaarmayaa siyaasaa fi waraanaa gara kuteessa tokkicha Oromoon qabdu dha.
Jaarmayaa dhiigaa fi lafee ilmaan Oromootiin ijaarame. Umuriin isaas wareegama Gootota Qabsaawota Oromoo kan ABO hundeessanii WBO yayyabanii waliin tilmaamatu dha. Kanaafis, ABO-WBOn haa waaru! jenna. Namni WBO hin taane hoggana ABO ta’uu hin dandahu! Namni ABO hin taane ajajaa WBO ta’uu hin dadahu! Warri WBO jibbitanii ABO qofaa jettan barri isin irratti dabarte! Bara 2018 deebistanii fiduu hin dandeettan! Abiyyiif gugguufuun har’a qaanii dha! ABO-WBOf bakka gaddhiisaa! ABO-WBOn qabsoo sabaa saffisaan haa gaggeessu! ABO-WBOn jaarmayaa milkii qabeessa! ABO-WBOn jaarmayaa sagalee Oromoo sadarkaa idil-addunyaatti dhageessise. Diina gurra micciiree barcumatti fide! Ejjennaa ifaa fi qulqulluu kan qabu! Kaayyoo sabaa hin sharafne! Warra Kaayyootti Ciche! Tokkummaaa Sabaa itiche! ABO-WBOn jaarmayaa ulfina qabeessa! Hubadhaa! Warra hin hubatiin hubachiisaa! ABO-WBO wajjiin fulduratti!
Injifannoo Ummata Oromoof!
Fulbaana 25, 2024
