• Wed. Nov 25th, 2026

Bulchiinsa magaalaa Naqamteetti, maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo quunnamtu” jedhuun jiraattota hidhaatti guuruun cimee itti fufe

Sep 26, 2024

ONM-ABO Fulbaana 25, 2024

Murni guyyaan baduu isaa itti dhiyaatee abdiin egeree isaa itti dukkanaa’e bilxiginnaan, humna waraanaa of harkaa qabu cufa guutuu Oromiyaa baadiyyaa fi magaalaatti bobbaasuun miira abdii kutannaan uummata nagaa badii isaan hin qabneen yakkee dararuu itti fufee jira.

Bifuma kanaan, godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamteetti hawaasa nagaa hidhaatti guuruun jabaatee jira.

Guyyaa dheengaddaa Fulbaana 23, 2024 bulchiinsa magaalaa Naqamtee ganda 03 irraa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu jechuun dargaggootni maqaan isaanii:

  1. Daawwit Tasfaayee,
  2. Firoo Misgaanaa,
  3. Galaanaa Abbayyaa fi 
  4. Leencoo Alamuu jedhaman badii tokko malee waraana sirnichaan qabamanii mana hidhaa waajjira poolisii magaalaa Naqamtee ganda 07’tti geeffamuun hidhamanii jiraachuu maddeen magaalaa Naqamtee irraa Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply