• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Baha Shaggar Aanaa Booraa fi Dugdaatti daa’imman afurii fi qonnaan bulaan tokko loltoota koloneel Abiy Ahimediin ajjeefaman

Sep 26, 2024

ONM-ABO Fulbaana 24, 2024

Koloneel Abiy Ahimediin durfamuun kan bobbaafaman loltoonni bilxiginnaa, golee Oromiyaa cufa keessatti uummata Oromoo xiqqaa fi guddaa osoo hin jenne hawaasa nagaa irratti guyyaa guyyaan ajjeechaa daangaa darbe duula duguuggaa sanyii raawwachuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan godina Baha Shaggar aanaa Booraa fi Dugdaa keessatti daa’imman afurii fi qonnaan bulaan tokko loltoota sirnichaan ajjeefamuu maddeen eeran.

Aanaa Booraa ganda “Soorii Doolessaa” jedhamu irraa  Fulbaana 20, 2024 daa’imman umriin isaanii waggaa kudhan kudhan ta’e, daa’ima 2 bakka isaan horii tiksaa jiranitti waraanni nama nyaataan PP rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Daa’imman kun dhalootaan bakka biroo yoo ta’an, jiraataa ganda Soorii Doolessaa kan ta’e nama maqaan isaa “Irreessoo Raagoo Dabballee” jedhamuuf qarshiin qacaramanii horii isaa tiksanii kan jiraatan ilmaan hiyyeessaa ta’uun ibsameera.

Kana malees, guyyuma kana ganduma kana irraa qonnaan bulaa maqaan isaa hin eeramne tokko ooyiruu isaa keessatti osoo inni haramaa xaafii haramaa jiruu, akkasumas daa’ima maqaan isaa hin eeramne tokko umuriin isaa saddeet kan ta’e loltoota sirnichaan ajjeefamanii jiraachuun barameera.

Dabalataan, aanaa Dugdaa ganda Waldaa Hafaa jedhamu irraa guyyuma kana Fulbaana 20, 2024 daa’ima maqaan isaa “Miidhaksoo Nagawoo” jedhamu umuriin isaa 14 kan ta’e, waraanni bilxiginnaa naasuu tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun eeraniiru.

Leave a Reply