ONM-ABO Fulbaana 24, 2024
Baha Oromiyaa godina Lixa Harargee aanaa Doobaa ganda Waddeessaa Iddoo jedhamutti murni bilxiginnaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggartu jedhuun ummata nagaa hidhuu fi doorsisuu itti fufe.
Murni impaayera Itiyoophiyaa tiksuuf ifaaju Bilxiginnaan yeroo garaa garaa milishaa fi kaabinoota gandootatti bobbaasuun akkuma fedhii isaaniitti abbaa barbaadan hidhaa, kaanis saamaa fi reebicha hamaa irratti raawwachaa jiru.
Akka gabaasi nu gahe jedhutti gochaaleen diinummaa ilmaan Oromoo irratti raawwatamaa jiru jabaachaa jira kan jedhan jiraattotni, kanas abjuu impaayera tortoraa ilmaan Minilik milkeessuuf Oromoota farra akeeka kanaati jedhan dhabamsiisu irratti hojjechaa jiraachuu addeessan.
Bulchiinsi abbaa irree Bilxiginnaa jedhee of waamu sirna abboota isaanii dhugoomsuuf tooftaalee adda addaatti fayyadamuun Oromoo lafa irraa balleessuuf carraaqqii gochaa jira.

