ONM-ABO Fulbaana 24, 2024
Ministiroonni dhimma alaa garee biyyoota dimokiraasii gurguddoo torbaa (G7) Wiixata kaleessaa tarkaanfiin farraa Baha Giddu Galeessaa keessatti fudhatamu naannicha gara waldhabdee bal’aa biyyi kamiyyuu irraa bu’aa hin argannetti harkisuu akka danda’u akeekkachiisan.
“Gochi fi deebiin faallaa ta’e, jeequmsa balaa kana guddisuu fi guutummaa Baha Giddugaleessaa gara waldhabdee naannoo bal’aa bu’aa hin yaadamnetti harkisuu danda’a,” jechuun ministeeroonni dhimma alaa garee G7 Yaa’ii Waliigalaa Mootummoota Gamtoomanii cinatti erga walga’ee booda ibsa kennaniin dubbataniiru.
“Marsaan diigumsaa amma jiru akka dhaabbatu gaafatachuun biyyi kamiyyuu Baha Giddu Galeessaa keessatti rakkoon hammachuu dabalataa irraa bu’aa argachuuf akka hin dhaabbanne cimsanii dubbataniiru” jechuun Rooyiters gabaaseera.



