ONM-ABO Fulbaana 26, 2024
Sirni ajjeesuutti amanu Bilxiginnaan uummata nagaan jiruu fi jireenya isaa geggeeffatu maqaa garaagaraa itti moggaasuun badii tokko malee ajjeechaa irratti raawwatu jabeessee jira.
Haaluma kanaan Fulbaana 22, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa ganda Heellaa Maakanaa jedhamu keessatti kan dhalatan namoonni maqaan isaanii Haajii Jaaliil Abdurhamaan fi Juundii Shee Abbubakar jedhamana haala sukkanneessaan rasaasa sirnichaan ajjeefamuun beekame.
Akka namoonni waan kana ijaan argan jedhanitti dargaggoonni kunneen magaalaa Gobeessaa ganda 02 keessatti mana rifeensaa banachuun waggaa lamaa oliif hojjechaa kan turan yoo ta’u, loltoonni kunneenis maaliif rifeensa keessan guddifattan jechuun mana rifeensaa keessaa gadi baasanii ajjeechaa irratti raawwachuu himan.
Itti dabaluun akka jiraattonni kunneen jedhanitti dargaggoonni kunneen magaalaa Gobeessaa sana keessatti hojii rifeensa sirreessuun akka jiraatan himuun, akkasumas hojii isaaniif dhama’uu malee namoota guyyaa tokkoof illee waa’ee siyaasaa keessaa harka hin qabneedha jedhu.
Akka jiraataan kun jedhutti sirni aangoo irra jiru kun namoota nuti jajjaboodha jennu hidhaa, achi buutee dhabamsiisaa fi ajjeesuun nu harkaa fixaa jira, qaama itti iyyannus dhabnee baraan wareega kaffalaa jirra jechuun miira gaddaa fi aariin guutameen ONM’tti himeera.



