ONM-ABO Fulbaana 26, 2024
Loltoonni bilxiginnaa sababoota adda addaan dinagdeen gooftolii isaanii kufuu gaafa baran afaan qawwee uummatatti garagalfachuun dirqamsiisanii humnaan hawaasa Oromoo hunda ajjeesuun, saamuun, reebuun, hidhuu fi mana irratti gubuun sodaachisanii ittiin jiraachaa jiru.
Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Billoo Bosheetti loltoonni PP barsiisaa tokko irratti ajjeechaa raawwachuun ibsameera.
Ganda Soodduu Beeramaa jedhamu keessatti Fulbaana 24, 2024 barsiisaa maqaan isaa Dinquu Kabbadaa jedhamu “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jechuun badii tokko malee ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Akka maddeen himanitti barsiisaa Dinquun abbaa ijoollee lamaa kan ta’ee fi aanaa Waamaa Hagalootti mana barumsaa Dambalii jedhamu irraa kan barsiisu yoo ta’u, siyaasa kam keessaayyuu qooda nama hin qabneedha jechuun dubbatu.
Hojii idilee barsiisummaa isaa qofa irratti bobba’ee ogeessa jiraatu ta’us ergamtootni Bilxiginnaa isa dabalatee namoota nagaa hedduu aanicha keessatti sababaa fi murtoo seeraa tokko malee ajjeechaa fi dararaa irratti raawwachaa jiraachuu jiraattotni aanichaa itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

