ONM-ABO Fulbaana 28, 2024
Murni Bilxiginnaa waraana isaa goleewwan Oromiyaa cufatti bobbaasuun uummata Oromoo irratti yakkoota gara jabinaa tilmaama hin qabne raawwachaa kan jiru yoo ta’u, bakkoota hedduutti badii tokko malee qabanii hidhuu yeroo barbaadanittis hidhaa irraa baasanii ajjeesuun ilmaan Oromoo soora bineensaa taasisaa kan jiraniidha.
Haaluma kanaan godina Baha Wallaggaa aanaa Limmuutti loltoonni impaayerattii nama tokko irratti ajjeechaa raawwatanii jiraachuun ibsameera.
Aanaa Limmuu ganda Waarsuu bakka addaa Ilaalaa jedhamutti Fulbaana 21, 2024 maqaa miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun nama maqaan isaa Abdulsalaam jedhamu itti marsanii erga qabaniin booda sababaa fi gaaffii tokko malee rasaasa itti roobsanii ajjeesuun reeffa isaa bakkeetti gatanii deemuu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen jedhanitti, Abdulsalaam abbaa ijoollee lamaa ta’uu himuun, hawaasa naannoo sanaa biratti nama jaalalaa fi fudhatama guddaa qabu akkasumas hawaasa waldhabdee qaban illee haala gaariin kan walitti araarsu ta’uu isaa dubbatan.


