• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa Jaarteetti loltoonni Abiy Ahimed nama tokko irratti ajjeechaa raawwatan

Sep 29, 2024

ONM-ABO Fulbaana 26, 2024

Murni bilxiginnaa waraana isaa golee Oromiyaa cufatti bobbaasuun uummata Oromoo irratti yakkoota gara jabinaa tilmaama hin qabne raawwachaa kan jiru yoo ta’u, bakkoota hedduutti badii tokko malee yakkanii hidhuun yeroo barbaadanitti ammoo hidhaa irraa baasanii ajjeesanii gatuun ilmaan Oromoo soora bineensaa  taasisaa jirachuun ni beekama.

Haaluma kanaan, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaarteetti loltoonni Abiy Ahimed nama tokko irratti ajjeechaa raawwatanii jiraachuun himamee jira.

Aanicha ganda Saggoo jedhamutti waraanni murna faashistii PP osoo caasaa gandaa haarawwaa PP’n diriirsuuf karoorfateef deemanii Fulbaana 22, 2024 nama maqaan isaa Olaanii Giiloo jedhamu badii tokko malee ajjeesanii reeffa isaa bakkeetti gatuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Akka maddeen jedhanitti, ”Olaaniin hidhata siyaasaa tokkollee kan hin qabne ta’uu fi sababa tokko malee akka bineensaatti rasaasa itti roobsuun haala suukanneessaa ta’een ajjeesanii gatanii deeman” jechuun itti dabaluun Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply