• Tue. Nov 24th, 2026

Jaappaan xiyyaarota waraanaan Libaanos keessaa lammiilee ishee baasuuf qophoofte 

Sep 29, 2024

ONM-ABO Fulbaana 28, 2024 

Jaappaan lammiileen ishee Libaanos gadhiisanii akka ba’aniif gaafatte. Achi keessaa baasuuf balalii waraanaan akka ba’uu danda’aniif xiyyaara  qopheessuuf murteessuu ishee mootummaan Jimaata kaleessaa ibseera.

Boombiin Israa’el torban kana Libaanos keessatti namoota dhibbaan lakkaa’aman kan ajjeese yoo ta’u, keessumaa bakka ciccimoo Hizbullaah irratti xiyyeeffatteetti.        

“Yeroo ammaa kana nageenya lammiilee Jaappaan Libaanos keessa jiraatan sakatta’aa jirra, akkasumas balaliin daldalaa idilee osoo hojiirra jiruu biyyattii akka gadhiisan gaafachaa jirra,” jechuun barreessaan olaanaa kaabinee Yoshimasa Hayashi Jimaata ganama dubbatan.

Sa’aatii muraasa booda ministeerri ittisaa xiyyaaronni humna qilleensaa lammiileen Jaappaan naannicha keessaa geejjibsiifamuu yoo barbaachise gara Joordaan fi Giriik akka deeman ajajameera jedheera.

Xiyyaarri geejjibaa C-2 jedhamu kun lammiilee Jaappaan naannoo 50 ta’an kanneen yeroo ammaa Libaanos keessa jiran baasuuf akka oolu maddeen mootummaa maqaan isaanii hin ibsamne wabeeffachuun Kiyodo News dabalatee miidiyaaleen beeksisaniiru. 

Ministirri haajaa alaa Jaappaan Yoko Kamikawa Kibxata darbe akka jedhanitti, Tookiyoon “waldhabdeen Israa’elii fi Hizbullaah gidduu jiru hammaachaa dhufuu isaa  yaaddoo cimaa qabdi” jedhan. Itti dabaluudhaanis Jaappaan, qaamoleen hundinuu “hammata dabalataa akka hin hammaanneef hamma danda’ametti of qabuu akka qaban” “cimsitee gaafatti” jedhan.

Isiraa’el Libaanos keessatti dhukaasa dhaabuuf guyyoota 21’f dhiibbaa michoonni taasisan kuffisuun hidhattoota Hizbullaah loluu itti fufuuf dhaadatteetti jechuun AFP’n gabaaseera.

Leave a Reply