• Thu. Sep 24th, 2026

Lixa Wallaggaa Aanaa Lataa Sibuutti ajjeefamuu kaadiree murna Bilxiginnaa sababeeffachuun jiraattonni hidhaatti jumlaan guuramaa jiraachuun dhagaa’ame 

Sep 29, 2024

ONM-ABO Fulbaana 28, 2024

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuutti ajjeefamuu kaadiree sirnichaa kan qaama mootummaa keessatti hojiilee adda addaatti hirmaatee hojjechaa turee waraanuma sirnichaan Fulbaana 26, 2024 ajjeefame obbo Abaatee Yaadataan wal qabatee bulchiinsa magaalaa Gooriitti jeequmsi hamaan ka’ee jiraachuun beekameera.

Bifuma kanaanis Fulbaana 27, 2024 magaalaa Goorii ganda 01 keessatti konkolaattonni sochiin isaanii waraana garboomfataa PP’n dhaabbachuu hordofee odeeffannoo nu  qaqqabeen namoonni manni isaanii naannoo konkolaataan irra socho’u daandii gurraacha iddoo addaa Qilxuu Guluu jedhamuu kan baay’inni isaanii 46 ol ta’e qabamuun hidhamanii jiraachuun ifoomeera. 

Hidhamtoota waraana gabroomfataa PP’n qabaman kanneen keessatti namoonni kana dura hidhaman illee ammas irra deebi’uun waan keessa hin beeknetti sababa ajjeechaa sanaan wal hin qabanne maqaa ijoollee keessantu bosona jira jedhuun  hidhamuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Namoota hidhaman keessaa muraasa maqaan  nu ga’e:  Caalii Jiraataa, 

  1. Bal’inaa Jiraataa, 
  2. Ayyaantuu Gaarii, 
  3. Minaasee Shuummataa, 
  4. Biqilee Ejjetaa, 
  5. Jireenyaa Nagarii, 
  6. Waaq-gaarii Ayyaanaa, 
  7. Habtaamuu Nagarii, 
  8. Corroqee waaq-jiraa, 
  9. Yerusee Habtaamuu, 
  10. Ittafaa Baqqalaa, 
  11. Asteer Ittafaa, 
  12. Malaakuu Baqqalaa, 
  13. Abbabaa Taaddasaa, 
  14. Mazgabuu Mokonoon, 
  15. Yooseef Mazgabuu, 
  16. Lateeraa Mazgabuu, 
  17. Naa’ol Gammachiis,
  18. Xaayituu Wadaajoo, 
  19. Takilee Ayyaanaa,  
  20. Amanuu Takilee fi  
  21. Addaamuu Nagarii kanneen jedhaman dabalatee namootni 46 ol kan hidhaman ta’uun beekameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading