ONM-ABO Fulbaana 25, 2024
Maalaawiin naannoo kaabaatti mooraa baqattootaa lammataa ijaaruuf doolaara miiliyoona 80 Komishinara Ol’aanaa Baqattootaa irraa argachuu ishee qondaalli tokko Kibxata kaleessaa Anadolutti himaniiru.
Biyyi Kibba Baha Afrikaa kun yeroo ammaa baqattootaa fi koolugaltoota 53,000 ta’an mooraa baqattootaa ishee tokkicha Dizalekaa naannoo giddu galeessaa keessatti argamutti keessummeessiti.
Baqattoonni Koongoo, Ruwaandaa, Burundii, Eertiraa, Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa irraa dhufan jalqaba bara 1990moota irraa eegalee mooraa kana keessa turan.
“Akka sabaatti baqattoonni guyyaa guyyaan gara Maalaawii dhufanii bakka nagaa itti argatan barbaaduun baay’inaan nu dhiphisan.
Garuu hunda isaanii mooraa tokkotti keessummeessuuf qormaatni nu mudachaa jirra.
Kanaaf arjoomni kun naannoo kaaba biyyattii keessatti dhaabbata biraa akka qabaannu waamicha keenyaaf deebii ta’a,” jedhan.
Itti dabaluunis, “Iddoo baqattoonnii fi koolu galtoonni itti bulanii fi hojii daldalaa isaanii qormaata tokko malee itti gaggeessan qabaachuu barbaanna,” jechuun dabalaniiru.
Bara 2023tti mootummaan Maalaawii baqattoota magaalotaa fi magaalota gurguddoo keessatti daldala hojjetan hunda humnaan buqqisee gara mooraa kanaatti kan jijjiire yoo ta’u, tarkaanfiin kun qaamolee mirga namoomaatiin “mirga baqattootaa irratti miidhaa guddaa geessisuu” isaa bal’inaan balaaleffateera.
Mootummaan yeroo hunda tarkaanfii kana ”dantaa nageenya biyyaaf jecha” raawwatame jechuun falmaa turuu Anaadooluun gabaaseera.



