• Tue. Nov 24th, 2026

Murni Bilxiginnaa maqaa hojii isiniif laanna jedhuun dargaggoota goyyomsaa jiraachuun dhagaa’ame 

Sep 29, 2024

ONM-ABO Fulbaana 26, 2024

Gareen faashistii Bilxiginnaa ilmaan Oromoo humnaan ukkaamsuu fi maallaqaan goyyomsee gara dirree waraanaatti ergee irbaata rasaasaa gochaa  jiru, har’as goyyomsaa bifa jijjiirateen guutuu Oromiyaatti dargaggoota ittiin jeeqaa jiraachuun beekameera. 

Dargaggoota abdii biyyaa fi utubaa qabsoo uummata Oromoo ta’an dhabamsiisee nagaan impaayerattii geggeessa jedhee yaaduun  murni bilxiginnaa baadiyyaa Oromiyaatti waraana meeshaalee gurguddaan tumsuun guyyuu bobbaasee ajjeechaa fi ukkaamsaa osoo raawwatuu yeroo ammaa ammoo maqaa gurmuun maallaqa isiniif laanna jedhuun IMX’n ijaaree goyyomsaa uumaa akka jiru jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Akka odeessi keessoo sirnichaa ba’e addeessutti sababni dargaggoonni walitti qabamaa jiraniif lola gaanfa Afrikaatti dhalachuuf adeemaa jiru ittiin qolachuuf, kallattii danda’an hundaan dargaggoota kiyyoo isaanii keessa galfachuuf carraaqqii cimaa taasisaa kan jiruudha malee hojidhabdootaaf yaadee akka hin taane ifoomeera.

Ilmaan Oromoo yeroo lolli Kaaba Impaayerattii naannoo Tigraayitti adeemsifamaa ture, kuma dhibbootaan kan ajjeefaman beenyaa tokko malee kanneen qaama hir’uu ta’anii fi har’as lola humnoota finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo waliin taasisaa jiranitti bu’aa kan hin arganne, duguuggaa sanyii Oromoof kaayyeffatanii jiraniifis qalmaaf dargaggoota ofii fi maatii isaaniif akkasumas saba irraa dhalataniif abdii ta’an qopheessaa jiraachuun beekameera.

Leave a Reply