• Sun. Mar 15th, 2026

Sudaan keessatti tajaajila fayyaa argachuun sababa haleellaa fi hanqinaan akka malee danqame

Sep 29, 2024

ONM-ABO Fulbaana 28, 2024

Namoonni Sudaan keessatti hanqina nageenyaa, haleellaa, hanqina qorichaa fi meeshaalee yaalaa, hojjettoota fayyaa, fi maallaqa baasii hojii dhaabbilee fayyaa uwwisuuf oolu irraa kan ka’e kunuunsa fayyaa argachuuf rakkoon cimaan isaan mudachaa akka jiru Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) Jimaata kaleessaa beeksiseera.

Dubbi himtuun WHO Maargaareet Haaris ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, “Hospitaalonni bakka waldhabdeen itti baay’atu keessa jiran %70-80 hojii dhabuu isaaniitiin, namoonni kunuunsa fayyaa fi qoricha bu’uuraa fi barbaachisaa ta’e argachuu dhabuun du’aa jiru,” jedhan.

Sudaan Ebla bara 2023 irraa eegalee lola waraanaa fi humna defee qaqqabaa (RSF)’n kan liqimfamte yoo ta’u, waldhabdee kanaan yoo xiqqaate namoonni 12,260 ajjeefamanii, 33,000 ol ammoo madaa’uu isaanii lakkoofsi UN ni mul’isa.

Haaris akka jedhanitti tajaajiloonni murteessoo ta’an, kanneen akka kunuunsa fayyaa haadholii fi daa’immanii, bulchiinsa hanqina nyaataa cimaa hamaa, fi wal’aansa dhukkubsattoota haala yeroo dheeraa qaban dabalatee, yeroo baay’ee barbaachisutti naannoo hedduutti addaan citaniiru.

Dubbi himaan Mootummoota Gamtoomanii, ”Guutummaa Sudaan keessatti dubartoonni rakkoo ulfaa ykn da’umsaan walqabatee du’aa jiru,” jedhan.

“Talaalliin daa’immanii (talaalliin idilee), hordoffii dhukkubaa fi to’annoo veektarii addaan cituun, dhimmoota qaqqabummaa fi balaa uumamaa waliin walqabatee weerara dhukkubaa babal’isuuf haala mijataa uumeera.”jechuun aljezeraan gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading