ONM-ABO Fulbaana 25, 2024
Irree fi gachaanni sabaa WBOn Cibraa Jaal Nadhii Gammadaa diina yeroo dheeraaf uummata nagaa hiraarsaa turte aanaa Sirkaa gandoota baadiyaa sadii keessatti tarkaanfii laleessa fudhateen injifannoo boonsaa galmeesee jira.
Haaluma kanaan kaleessa Fulbaana 24 gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn aanaa Sirkaa ganda Maayibaasaa Gaadoo jedhamu keessatti mooraatti seenuun diina yeroo dheeraaf uummata nagaa hiraarsaa turte hedduu du’aa fi madoon adabeera.
Ganda Gaadoo fi Sangoo- Yaayyaa keessattis waajjira maqaa caasaa haaraa qubsiisuu jedhuun ijaarame keessatti waardiyoota Bilxiginnaa rasaasaan waadee baarudaan macheessuun hedduu ishee du’aa fi madoon adabuun waajjira keessaa baqachiisee qubsuma ishee barbadeessee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
