• Fri. Apr 24th, 2026

Murni maafiyaa PP godina Lixa Harargee Aanaa Habroo keessatti uummata nagaa torba ajjeesuu fi kaan ammoo saamaa jiraachuun beekame

Sep 30, 2024

ONM-ABO Fulbaana 29, 2024

Dhiiga uummata nagaa dhangalaasuu fi qabeenya hawaasaa saamuun umurii aangoo isaa dheereffachuuf kan dhama’u murni nama nyaataan Bilxiginnaa, sababoota sobaa garaa garaa itti maxxansuun, namoota meesha-maleeyyii ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi dararuu kan durii caalaatti jabeessee itti fufeera.

Haaluma kanaan waraanni goolessituun sirnichaa Lixa Harargee aanaa Habroo Araddaa Ifaa Jiruu keessatti namoota nagaa baay’inni isaanii torba ta’e kanneen ammaaf maqaan isaanii adda hin baane badii tokko malee akka bineensaatti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii dhoksuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan himanii jiru.

Haaluma wal fakkaatuun, kaabinoonni PP araddaalee kanneen akka: Caffee, Ifaa Jiruu, Gaaddisaa, Magaalaa Balballee fi kanneen biroo hedduu keessatti uummata irraa dirqamaan qarshii dhibba shan shan saamaa jiraachuu fi hawaasa nagaa dirqamsiisuun waardiyyaa halkanii fi guyyaa baasaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading