ONM-ABO Onkoloolessa 2, 2024
Murni nama nyaataan impaayera Itiyoophiyaa of harkaa qabu Bilxiginnaan kutaalee Oromiyaa mara keessatti uummata nagaa hidhuu, ajjeesuu, qabeenya isaa saamuu fi abiddaan barbadeessuu akkuma itti fufetti jira.
Haaluma kanaan godina Arsii Lixaa aanaa Shaashamannee ganda Abaaroo irraa yeroo dheeraaf uummata hedduu gaaffii tokko malee hidhee reebuu, nyaata akka maatiin hin geessineef gochuu fi gochaa suukkanneessaa dhala nama irratti raawwachuun hin barbaachifne irratti raawwataa jiraachuu maddeen ibsaniiru.
Isaan keessaa kanneen maqaan nu qaqqabe:
- Abdii Sedisoo,
- Abdullaakim Daalluu,
- Usiyaa Hasanii fi
- Eda’oo Leenjisoo yoo ta’an, isaan keessaa
Eda’oo Leenjisoo harkaa fi miilla isaa walitti hidhuun kutaa addaa keessatti hiraarsuun, du’aa fi jiraa isaas maatii argarsiisuu dhorkanii maatiin yaaddoo keessa jiru. Obbo Aliyyii Tulluu ammoo caasaadhuma isaanii dura taa’aa gandichaa kan ta’e waraqaa eenyummaa WBO’f baaste jechuun hidhanii hiraarsaa jiru.
Haaluma walfakkaatuun aanuma Shaashamannee kutaa magaalaa Awaashoo jedhamu irraa nama maqaan isaa Eda’oo Waayyisoo jedhamu namoota 50 wajjin qabanii hidhuun gaaffii tokko malee ji’a kudhan mana hidhaa waajjira poolisaa 81 keessa ka’anii dararaa turuu maddeen ibsaniiru.

