ONM-ABO Onkoloolessa 9, 2024
Miseensonni paarlaamaa Keeniyaa itti aanaa pirezidaantii Rigaatii Gaachaaguwaa waldhabdee siyaasaa dhiheenya kana pirezidaantii Wiliyaam Ruutoo waliin taasisaniin booda aangoo irraa kaafamuu fi dhiisuu isaanii irratti sagalee kennuuf jiru.
Miseensonni mana maree kunneen himannaawwan biroo hedduu keessaa Gaachaaguwaan malaammaltummaa, siyaasa sabaan qoqqoodamu shaakaluu fi mootummaa salphisuu jechuun himatu.
Namni siyaasaa ganna 59, maqaan beekamaan “Riggay G” jedhamuun kan beekamu, himannaan isarratti dhiyaate “olola aarii guddaa” fi “olola qulqulluu” jechuun ibsuun, qaama shira aangoo irraa isa ari’uuf qophaa’e keessaa tokko ta’uu ibsaniiru.
Sagalee kennuu dura ofirraa ittisuuf paarlaamaa duratti ni dhiyaata, kana booda adeemsi aangoo irraa kaafamuu gara Seenetiitti ni ce’a jedhamee eegama.
Gaaffii aangoo irraa kaafamuu Gachaaguwaa ittisuuf abbootiin seeraa gara 20 qacaramuu isaanii miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.
Walumaagalatti miseensonni paarlaamaa 291, kanneen heera mootummaatiin barbaadaman 117 caalaan, torban darbe adeemsa aangoo irraa kaafamuu jalqabuuf yaada dhihaate mallatteessaniiru.
Gaachaaguwaan falmii itti fufee jiru dhaabuuf yaaliiwwan mana murtii hedduun irratti fashalaa’eera.
Yaadni kun sababoota aangoo irraa kaafaman 11 kan tarreesse yoo ta’u, himannaa Gachaaguwaan qabeenya hin ibsamne waggoota lama keessatti qabeenya shilingii Keeniyaa biiliyoona 5.2 (Doolaara miiliyoona 40, paawundii miiliyoona 31) walitti qabe jedhu dabalateeti.
Itti aanaan pirezidaantii kun qabeenyi yaada kana keessatti tarreeffame tokko tokko kan obboleessa isaanii du’aan boqote ta’uu ibsaniiru.
Yaadni kun akka ragga’uuf yoo xiqqaate miseensota Mana Maree Biyyaalessaa, mana maree gadii keessaa harka sadii keessaa lama deeggarsa barbaada.
Seenetiin yaada kanas yoo deggare, Gaachaaguwaan itti aanaa pirezidaantii jalqabaa heera mootummaa bara 2010 ragga’een aangoo irraa kaafaman ta’a jechuun BBC’n gabaaseera.



