ONM-ABO Onkoloolessa 7, 2024
Lixa Harargee aanaa Mi’eessoo araddaalee aanichi qabu mara keessatti waraanni fi kaabinoonni sirnichaa gochoota hamminaan guutame ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiraachuu maddeen himan.
Araddaalee aanichaa kanneen akka Boliiloo, Cophii fi Tooribooyyoo keessatti hidhaa kan hammeessan oggaa ta’u maqaa deggertoota WBO’ti jedhuun Onkoloolessa 2, 2024 araddaa Biloolii keessaa namoota maqaan isaanii Abdii Awwal Qaasim obboleewwan isaa Adamee Awwalii fi Aliyyii Mohaammad Hasan kanneen jedhaman erga qabanii booda waajjira poolisii aanaa Mi’eessoo keessatti dararaa jiru.
Araddaa Tooribooyyoo keessaa ammoo Bayyan Adamii fi Tajoo Siicii kanneen jedhamanis waajjiruma poolisii aanaa Mi’eessootti yommuu hidhan, araddaa Cophii irraa ammoo, Ibraahim Abdallaa kan jedhamu qabeenya Waraana Bilisummaa Oromotu si bira jiraa fidi ittiin jechuun nama nagaa siyaasa kamirraa walaba ta’e qabanii achi buutee dhabamsiisanii jiraachuu maddeen gamasii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasaniiru.

