ONM-ABO Onkoloolessa 8, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo godina Lixa Wallaggaa keessatti waraana faashistii PP adabuu itti fufee jira.
Haaluma kanaan jajjabeen WBO Zoonii Lixaa Birgeediin Odaa Kaarraa Cibraan Gumaa Guddaa Buttaan Dubbataa aanaa Gullisoo bakka addaa Sankii jedhamtutti har’a Onkoloolessa 8 tarkaanfii fudhateen du’aa fi madoon adabee jira.
Tarkaanfii kanaanis loltoota Bilxiginnaa 2 jiraa harkaan qabee kan hafte ari’ee bakka isheen dhuftetti yoo deebisuu, qawwee AKM 3 fi qophii waraana irraa harcaafachuun galii mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
