• Thu. Mar 19th, 2026

Baha Shaggar Aanaa Adaamii Tulluutti waraanni garboomfataan PP nama tokko ajjeesuun reeffa isaas maatii dhowwatan

Nov 7, 2024

ONM-ABO Sadaasa 6, 2024 

Sirni cubbaamaan farra dhala namaa ta’e bilxiginnaan namoota karaatti hambisuu fi  maatii madaa garaa keessaa hin baane keessatti uumuun yeroo ammaa Oromiyaa bakkeewwan hedduutti haala suukkanneessaan ajjeechaa raawwachaa  jiraachuun beekamee jira.

Aanaa Adaamii Tulluu ganda Qarxaafaa bakka addaa Kombolcha jedhamee waamamutti Sadaasa 3, 2024 waraanni garboomfataan PP nama maqaan isaa Hajii Galgaloo Hubataa jedhamu badii tokko malee haala suukkanneessaa ta’een rasaasa itti roobsuun ajjeesuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen himanitti, namni kun hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabnee fi nama hojii dhuunfaa isaa hojjechuun jiraatu ta’uu himuun, murni nama nyaataan Bilxiginnaa ilmoo ajjeesee maatiitti reeffa gurgurachuu bare reeffa nama kanaa maatii dhowwachuun hanga gabaasni kun qindaa’etti hin awwaalamin turuu  dubbataniiru.

Dachee Oromiyaa guyyuu dachee dhiigaa taasifachuun dhiiga namoota qulqulluu dhangalaasuu kan jabeesse murni Bilxiginnaa, egeree uummatichaa yaaddoo guddaa keessa galchuun qe’ee isaanii irraa akka godaanan taasisaa jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading