ONM-ABO Sadaasa 12, 2024
Godinaalee Baha Shaggar, Lixa Shaggar, Kaaba Shaggar fi godinaalee Wallaggaa arfanitti maqaa oppireeshinii jedhuun lola lafoo irratti milkii dhabuu irraan kan ka’e sochii qilleensa irraa taasisuuf murni garboomfataan PP karoorfatee akka jiru maddeen keessoo sirnichaa ONM’f qoodaniiru.
Akka maddeen keenya keessoo Bilxiginnaa nuuf qoodan himanitti, tibba kana lolli muddamaa lukkeelee Bilxiginnaa irratti adeemaa ture rifaatuu guddaa keessa isaan galchuun wal qabatee, akkaataa ittiin humna WBO dadhabsiisuu danda’an tooftaa humna qilleensaa fayyadamuu akka qaban irrattis maree waliin taasisaa turuu himaniiru.
Murni Bilxiginnaa kunis lola lafoon WBO jala dhaabbachuu dadhabee Dirooniin uummataa fi qabeenya uummataa barbadeessuuf kiyyoo hamminaa tolfatanii gadi ba’aa kan jiru yeroo ammaa haalli sarbamiinsi mirgoota namoomaa kan duraarra daranuu jabaachuuf akka jirus ibsameera.
Torban lamaan darban keessa godinaalee Kibba Lixa Shaggarii fi Lixa Shaggaritti haleellaa meeshaalee gurguddaa waraanni shiftoota koloneel Abiy Ahimed hawaasa irratti taasisaa turaniin qabeenyaa hawaasaa midhaan, horii gaanfaa, kotte-duudhaa, manneenii fi lubbuu namootaa irratti miidhaa qaqqabsiisaa turaniif itti gaafatama tokko malee har’as kunoo duguuggaa sanyii raawwachuuf deemsi Bilxiginnaan gochaa jiru kunis abdii kutannaa sirnichaa agarsiisaa akka jirus itti dabaluun himaniiru.
Waggoota jahan darban irraa kaasee jeneraalonni waraana Bilxiginnaa daangaa yeroo kaa’uun WBO ni balleessina jedhanii dhaadachaa turanis gaafa akka isaan jedhan sana ta’uu hafee loltoota lafoo isaanii WBO’n harkaa fixu humna qilleensaatti deebi’uun sababa WBO godhachuun uummata fixaa kan jiran ta’uun kan nama falmisiisu miti.
Akka fakkeenyaatti halleellaa diroonii tibbana Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu fi Hidhabuu Abootee akkasumas Arsii keessatti geggeeffamaa turee fi ammallee itti jiruun miidhaan lubbuu fi qabeenyaa hawaasa irra gahuu jiraattonni ragaa bahu.


