ONM-ABO Sadaasa 17, 2024
Ajjeechaan jumlaa uummata Oromoo baadiyyaa fi magaalota Oromiyaa tokko tokko keessatti duguugiinsa sanyii gareen faashistii PP raawwatu garaa ga’uu dadhabuun yeroo ammaa kana ammoo gara magaalaa Finfinneetti ol deebi’uun maqaa WBO waliin hariiroo qabda jedhuun namoota waa’ee Waraana Bilisummaa Oromoo quba hin qabne hidhuu fi ajjeesuu jabeessee jira.
Haaluma kanaan magaalaa Finfinnee aanaa Aqaaqii ganda Odaaf Kattichaa jedhamu keessatti Sadaasa 15, 2024 waraanni faashistii PP maqaa WBO waliin hariiroo qabda jedhuun nama maqaan isaa Shuurtuu Baacaa jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Guyyaadhuma sana jiraattota gandichaa kanneen ta’an uummata jireenya ofii geggeeffachuu malee waan siyaasaa qaama paartii kamiiyyuu hin hordofne akkuma bartee itti ta’ee jiru WBO wajjin hidhata qabdu maqaa jedhuun mana hidhaatti darbatanii jiraachuun beekamee jira.
Namoota haala kanaan qabamuun hidhamanii jiran keessaa kan maqaan nu qaqqabee jiru:
- Turaa Dirree,
- Bahaaruu Fayyisaa,
- Charuu Naggasaa,
- Caalaa Rorrisaa fi
- Abbee Dammechaa kanneen jedhaman ta’uu maddeen dabaluun ibsaniiru.
Murni bilxiginnaa iddoowwan adda addaatti maqaa siyaasa kiyyatti buute jedhuun namoota nagaa qorannoo seeraa tokko malee ajjeechaa jumlaa raawwatan jabeessanii itti fufuun namoota gariin ammoo mana hiraarsaa galchuun gidirsaa jiraachuu maddeen irraa beekuun dandaa’ameera.



