• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Baalee Bahaa Aanaa Gindhiir araddaalee adda addaa irraa lukkeeleen Bilxiginnaa hawaasa irratti saamicha raawwachuu cimsanii itti fufan

Nov 18, 2024

ONM-ABO Sadaasa 18, 2024 

Murni faashistii Abiy Ahimed loltoota isaa goleewwan Oromiyaa hundatti bobbaasuun maqaa kaffaltii gosa adda addaa itti dhahuun saamicha jabeessee itti fufee jiraachuun ibsameera.

Godina Baalee Lixaa aanaa Gindhiir araddaa Fiiqii jedhamu keessaa ergamtoonni bilxiginnaa saamicha hamaa uummata irratti raawwachuu cimsanii itti fufuun, torban darbe keessa sababa tokko malee maqaa gosa kaffaltii adda addaa hawaasatti dhahuun saamaa kan turanii fi yeroo ammaa kana immoo maqaa “bu’uuraalee misoomaa” jedhuun mana tokkotti qarshii 8,000 guuraa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Akka maddeen ONM’tti himanitti lukkeeleen bilxiginnaa hawaasa nagaa gama isaaniif danda’ame maraan dararanii ofii fi qaama isaan ajaje gammachiisuuf jecha yeroo yerootti  guutummaa aanichaa keessatti saamicha ulfaataa ta’e raawwataa kan jiran ta’uu himuun, torbee lama dura immoo maqaa kaffaltii gosa waliin isaa hin beekamneen mana tokkotti qarshii 5,000 kaffalchiisaa jiraachuu miira aariin guutameen ibsan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading