ONM-ABO Sadaasa 22, 2024
Galgalli bara aangoo isaa itti dukkanaa’uun waanti inni qabee gadi dhiisu jalaa badee burjaaja’aa kan jiruu fi harka kennachuun alatti furmaata biroo kan dhabe Koloneel Abiy Ahimed, yeroo ammaa kanas abdii kutannaa hamaa keessa seenuun balleessee baduu filannoo isa dhumaa taasifachuun loltoota isaa kan durii caalaa heedduminaan goleewwan Oromiyaa cufatti raabsuun duula duguuggaa sanyii uummata nagaa irratti raawwatan jabeessanii itti fufanii jiru.
Aanaa Sibuu Siree ganda Jaarsoo Waamaa bakka addaa Qunnii jedhamu irraa ergamtoonni sirnichaa Sadaasa 18, 2024 namoota maqaan isaanii:
- Abdataa Toliinaa,
- Lalisaa Fiqaaduu,
- Abittii Shifarraa fi
- Daanee Badhaasaa kanneen jedhaman “Waraana Bilisummaa Oromoo daandii agarsiistan” sababa jedhuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen cunqursaa isaanii ittuma fufuun, godinuma kana aanaa Guutoo Giddaa ganda Jireenyaa iddoo addaa Qoraattii jedhamu irraa Sadaasa 20, 2024 nama maqaan isaa Obbo Addunyaa Lammii jedhamu “WBO’tu keessa jiraata” jechuun mana jireenyaa isaa ibidda itti shiduun qabeenya hunda waliin gubanii barbadeessuun, yerooma mana gubaa turan sana dhukaasaan illee jiraattota naannoo shororkeessaa kan turan ta’uu maddeen himan.
Kana malees aanaa Billoo Boshee ganda Qarree Guddinaa jedhamu irraa torban darbe namoota maqaan isaanii barsiisaa Dirribaa Odaa fi Obbo Warqinaa Amantee kanneen jedhaman badii tokko malee hidhanii dararaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta’uu fi barsiisaa Dirribaan badii tokko malee osoo inni dukkaana isaa keessaa mi’a gurguraa jiruu ergamtoonni Bilxiginnaa qabeenya WBO gurguraa jirta jechuun hidhaatti darbachuu himuun, Obbo Warqinaan ammoo osoo inni ijoollee isaaf bakka isaan loon tiksaa jiranitti laaqana geessaafii jiruu WBO’f nyaata geessaa jirta jechuun qabanii hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu dubbatu.
