ONM-ABO Sadaasa 23, 2024
Qabsoo Bilisummaa Oromoo falmaa karaa nagaa bira darbee, falmaa hidhannootiin finiinaa jiru dhabamsiisuuf murni Bilxiginnaa humnoota waraanaa kumaatamaan leenjisee hawaasa nagaatti bobbaasaa jiruun namoonni hirmaannaa siyaasaa keessatti qooda hin fudhanne ajjeefamuun cimee itti fufeera.
Sabni keenya waanjoo garboomfattootaa of irraa kaasuuf, qabsoon bilisummaa karaa hidhannoo ta’uu akka qabu tolchee hubatee jiraachuun mataa bowwuu kan itti ta’e Bilxiginnaan, ajjeesanii amansiisuu tarsiimoo jedhu baafachuun guutuu Oromiyaatti ajjeechaa jabeessuun Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaatti jiraattota nagaa lama yakka tokko malee ajjeesanii gatuun ibsameera.
Aanaa Qondaalaa ganda Biiftuu Sechii keessaa abbaa ilmaan 4 kan ta’e Obbo Daawwit Lammeessaa Sadaasa 21, 2024 ganama sa’a 4:00 keessa yakka tokko malee ajjeesanii gatuun himameera. Aanaadhuma Qondaalaa ganda Zeebee keessaa ammooTawwakkal Nagarii nama jedhamu guyyuma kana toora sa’a 5:00’tti ajjeesuun ifoomeera.
Kana malees aanaa Qondaalaa ganda Geemii Gaabbaatii Obbo Yaasin nama jedhamu hidhata WBO qabda jechuun mana isaa jalaa yoo guban, Obbo Bokkojjoo nama jedhamu jalaa ammoo dukkaana gubanii barbadeessuun ibsameera.
Oduu saamichaan wal qabatuun ammoo aanaa Begiitti Sadaasa 22, 2024 ganda Lophii keessaa Obbo Bushuraa Roorroo jalaa loon 3, Obbo Duulaa jalaa loon 6 saamuun, mana yaalaa dhuunfaa gandicha keessaa kan ogeessa fayyaa maqaan isaa Beekumaa jedhamuu qabeenya isaa hunda jalaa fudhachuun barameera.

