• Thu. Mar 19th, 2026

Godina Booranaa Aanaa Miyootti sarbamiinsi mirgoota namoomaa jiraattota irratti jabaachuun dhagaa’ame 

Nov 27, 2024

ONM-ABO Sadaasa 25, 2024 

Haalli mirgoota namoomaa Oromiyaa keessatti daranuu yaaddessaa ta’ee itti fufuun, humnoonni waraanaa, milishoonnii fi lukkeeleen sirnichi bobbaasaa jiru jiraattota irraan miidhaa jabaa ga’aa jiraachuun ni himama.

Godina Booranaa aanaa Miyootti sarbamiinsi mirgoota namoomaa jabaachuun barattoonni hedduun mooraa mana barnootaa irraa dirqiin guuramuun adda waraanaatti ergamuu, hidhamuu akkasumas jiraattota nagaan qe’ee isaanii irra jiraatan dirqiin waltajjii qabnaan gidirsuu fi namoota waltajjii irratti hirmaachuu hafanis maallaqa guddaa adabaa akka jiran jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Abbaa irrummaa jabaan adeemaa kan jiru onichatti  hawaasa horsiisee bulaa homaa hojii qonnaa irratti hin hirmaanne, haalli balaa hongee jireenya sabichaa booressee jiru, kan gargaarsi namoomaa isaaniif malu, maqaa ilaalcha WBO qabdu jedhuun halkanii fi guyyaa teessuma jireenyaa isaaniitti danqaa uumuun abdii kutannaa guddaa keessa sabicha galchee akka jirus addeeffameera. 

Osoo sabni kun haala qaala’iinsa jireenyaan wal qabaa jiruus kaffaltii gibiraa humna isaanii ol gaafachaa kan jiran yoo ta’u, barattoota mooraa barnootaatti gargaarsi karaa dhaabbata gargaarsaa kennamuufiin daa’imman manneen barnootaatti nyaatni duratti kan qophaa’afii tures murni bilxiginnaa irraa kutee akka jirus ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading