• Thu. Oct 8th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Billoo Bosheetti waraanni faashistii PP namoota 4 rasaasa itti roobsuun ajjeesan

Dec 1, 2024

ONM-ABO Sadaasa 27, 2024 

Araada dhiiga nama nagaa dhangalaasuu kan qaban loltoonni Koloneel Abiy Ahimed ilmaan Oromootti maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhu itti maxxansuun ajjeechaa suukkanneessaa raawwatan jabeessanii itti fufanii kan jiran ta’uun ibsameera.

Aanaa Billoo Boshee ganda Yaada Hundaa jedhamu keessaa waraanni maafiyaan sirnichaa namoota 2 kanneen maqaan isaanii: 

  1. Baacaa Duulaa fi
  2. Indaaluu Geetaachoo jedhaman badii tokko malee Sadaasa 24, 2024 ukkaamsuun guyyaa tokko erga hidhanii booda Sadaasa 25, 2024 ammoo mana hidhaatii baasuun rasaasa itti roobsanii haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta’uu maddeen eeruun, Baacaan abbaa maatii kan ta’e, hojii dhuunfaa isaa uffata daldaluun kan jiraatu yoo ta’u, Indaaluun ammoo dargaggeessa ta’uu fi maqaa “obboleessa keetu miseensa WBO’ti, suuraa isaatu bilbila kee keessa jira” jedhuun yakkanii ajjeesuu dubbataniiru.

Kana malees torban lamaan darbe keessa ganduma kana irraa namoonni maqaan isaanii:

  1. Shallamaa Ciibsaa fi
  2. Addunyaa Arfaasaa kanneen jedhamanis loltootuma sirnichaan ajjeefamanii jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading