ONM-ABO Sadaasa 28, 2024
Kutaalee impaayerattii hunda keessaa leellistoonni sirna moofaa sabboontota ilmaan Oromoo qofa adamsuun akka dallaa horiitti mana hidhaatti naquun dararaa jiraachuun ni beekama.
Aanaa Baakkoo Tibbeetti jiraattota magaalaa Baakkoo Tibbee kan ta’an konkolaachisaa maqaan isaa Biraanuu Tafarii fi obboleessuma isaa kan ta’e gargaaraa konkolaachisaa Habtaamuu Tafarii kan jedhaman konkolaataa deddeebisaa uummataatiin magaalaa Baakkoo fi ganda Guddina Biyyaa gidduu uummata kan deddeebisan ergamtoonni Bilxiginnaa badii tokko malee “WBO’f dhiyyeessii dhiyyeessitu” jechuun Sadaasa 25, 2024 daandii gubbaatii qabanii uummata irraa harcaasuun konkolaataa waliin waajjira Poolisii aanaa Baakkoo Tibbeetti hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himan.
Kana malees namoota maqaan isaanii:
- Iyyaasuu Guddumaa,
- Misgaanaa Camadaa fi
- Camadaa Irranaa kanneen jedhaman guyyuma kana magaaluma Baakkoo keessaa ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.
Namoonni kunneen badii tokko malee sababa ‘Oromummaa’ isaanii qofaaf yakkamuun akka hidhaman itti dabaluun ibsameera.

