ONM-ABO Muddee 10, 2024
Ajjeechaan guyyuun uummata Oromoo irratti loltoota Bilxiginnaan raawwatu qoor-qalbii hawaasichaa miidhuun, Oromoo ta’anii dhalachuu isaanii qofatti leeyya’uun sabboontonni ilmaan Oromoo hedduun tarkaanfii hadha’aa of irratti fudhachaa oolu.
Aanaa Baakkoo Tibbeetti jiraattota ganda Odaa Gudayyaa kan ta’an kanneen maqaan isaanii Dinqaa Bookaa Dirribaa fi Geddefaa Waaqtolaa Waggaarii jedhaman Muddee 4, 2024 loltoonni impaayera Itiyoophiyaa naasuu tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii deemuu maddeen ONM’tti himan.
Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabnee fi daldaaltota bushaayee ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee osoo isaan gabaatii galaa jiranii daandii gubbaatti qabuun qarshii kuma 30,000 illee irraa fudhatanii ajjeesuu itti dabaluun himaniiru.


