• Sun. Mar 15th, 2026

Waraanni Bilxigginnaa Lubbuu fi Qabeenya Uummata Oromoo balleessuu akkuma itti fufetti jira 

Dec 22, 2024

ONM-ABO Muddee 22, 2024 

Waraanni Bilxiginnaa Muddee 19, 2024 godina Boorana Bahaa aanaa Liiban ganda Algee Qarsaa aradaa Dhaddacha Goolaatti Manneen uummataa hedduu qabeenyaa waliin ibiddaan gubee barbadeesse.

Araddaadhuma kanatti Muddee 20, 2024 waraanni Bilxigginnaa kunneen uummata nagaa 10 ol, loonii fi  ree’ota uummataa waliin fuudhanii deemanii jiru. 

Warraanni kunneen qonnaan bultoota aanaa Liiban rakkoo roobaan rakkatanii fi oomishni dhabamuun dararaa argaa jiran gargaaruu dhiisuun faallaa isaa jireenya isaanii golgoleessaa jiru.

Jimaata dheengaddaa Muddee 20, 2024 dargaggeessa tokko aanaadhuma Liiban kana keessatti ajjeesuun gatanii biraa deemuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading