ONM-ABO Muddee 22, 2024
Namoota Oromoof bu’aa buusuu danda’u jettu bara dhufaa darbaan adamsitee ukkaamsuu kan amaleeffatte Impaayerri Itiyoophiyaa akkuma kanaan dura hayyoota Oromoo dandeettiif ga’umsa isaanii sodaattu teessoo kiyya irraa na kuffisuu malu jedhanii shakkan adamsanii achi buutee dhamsiisuu, hidhuu, ajjeesuu fi biyya irraa godaansisuu adeeffatan, ammas egeree Oromoof Oromiyaa dhaloota bu’aa buusuu danda’an irratti xiyyeeffachuun miidhaa garaa garaaf saaxilaa jira.
Akkuma bara bulchiinsa wayyaanee barataaf barsiisota Oromoo dhabamsiisuun qaroo sabichaa jaamsuuf yaalaa turan bilxiginnaanis dabaree isaa gochoota fokkisoo abboota irree isaa irra dhaale barattoota Oromoo kan saboota biroo keessaa addatti irratti xiyyeeffachuun barnoota irraa ari’aa jira.
Bifuma kanaan Yuuniversiitii Dirree Dhawaa keessatti barattoota sabaan Oromoo ta’an kanneen godinaalee Oromiyaa garaa garaa irraa barnootaaf garas jiran namoota 5 waggoota sadiif Oromummaa qofaan yakkuun barnoota irraa ari’anii jiraachuu maddeen ifoomsan.
Barattoonni goolessitoota murna bilxiginnaan ari’aman kunneenis maqaan isaanii:
- Taarikuu dhalataa Godina Gujii,
- Gadaa dhalataa magaalaa Amboo,
- Sooressaa dhalataa Horroo Guduruu Wallaggaa,
- Galaanaa dhalataa Lixa Wallaggaa akkasumas,
Damee dhalataa Lixa Wallaggaa kan ta’e balleessaa tokko malee barattoota kana barnoota irraa ari’uu isaanii maddeen ONM’tti himan.



