• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Gunaatti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhanii maallaqa guddaa irraa saamaa jiraachuun himame

Dec 28, 2024

ONM-ABO Muddee 28, 2024 

Murni Bilxiginnaa kufaatii dinagdee impaayerattii mudatee jiruun walqabatee sababoota garaa garaa wabeeffachuun uummata Oromoo saamanii jireenya isaa golgoleessaa jiru.

Godina Arsii Bahaa aanaa Gunaatti ergamtoonni sirna nama nyaataan PP garaa isaanii furdifachuuf jiraatan sabboontota ilmaan Oromoo badii tokko malee adamsanii hidhuun maallaqa guddaa irraa saamuu ittuma fufuun, torban darbe keessa magaalaa Nageellee jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii:

  1. Naasiroo Mahaammad Amaan irraa qarshii 40,000 akkasumas,
  2. Ukaashaa Shamsadiin irraa qarshii 80,000 fudhatanii 

gadi lakkisanii kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Namoonni kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirree fi sababa Oromumummaa isaanii qofaaf yakkamuun dararamaa kan turanii fi namoonni hedduun maqaan isaanii hin eeramnes haaluma wal fakkaatuun maallaqa guddaa kaffalanii ba’aa kan jiran ta’uu itti dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading