• Sun. Nov 8th, 2026

Hojii gaggeessaan olaanaa Jeju Air balaa xiyyaara Kooriyaa Kibbaa lubbuu namaa galaafate booda dhiifama gaafate, Booying’s jajjabina dabarse

Dec 30, 2024

ONM-ABO Muddee 30, 2024 

Hojii gaggeessaan dhaabbata xiyyaaraa Kooriyaa Kibbaa Jeju Air balaa xiyyaaraa yoo xiqqaate lubbuu namoota 124 galaafate kanaan miidhamtoota dhiifama gaafataniiru.

Ibsa gabaabaa miidiyaaleef kennaniin, hoji gaggeessaan olaanaa Kim E-baye, ammaaf namoota gadda guddaa qaban deggaruun aantummaa olaanaa akka ta’e dubbataniiru.   Booyiingis jajjabina kan ibse yoo ta’u, balaa lubbuu namaa galaafate kana booda xiyyaara Kooriyaa Kibbaa Jeju Air waliin wal qunnamtii qabaachuu isaa Dilbata kaleessaa ibseera.

Balaan kun xiyyaara Booying hojjete 737-800 kan hirmaachise ta’uu Jeju Air gabaaseera jechuun Rooyitars gabaaseera.

Leave a Reply