ONM-ABO Muddee 29, 2024
Yunaayitid Arab Emireetiin Sanbata kaleessaa rakkoo Sudaan keessatti mul’ateef furmaata argachuuf tattaaffii dippilomaasii Turkiin taasisaa jirtu kan simatan yoo ta’u, gama kanaan Ankaaraa waliin tumsuu fi qindoominaan hojjechuuf qophii ta’uu ibsiteetti.
Ibsi Ministeera Dhimma Alaa Emireet baaseen, ”rakkoo Sudaan keessatti deemaa jiru furuuf tattaaffii dippilomaasii obbolaan Rippabilik Turkii taasifte simataniiru, kunis UAE’f aantummaa bakka bu’a” jedheera.
Ibsichi tattaaffiin kun “Turkii nagaa fi tasgabbii naannoo guddisuuf, akkasumas hariiroo idil-addunyaa cimsuuf gumaacha gochuuf kutannoo cimaa qabdu kan calaqqisiisu ta’uu” cimsee ibseera.
UAE’n waldhabdee Sudaan keessatti uumame xumuruu fi rakkoo kanaaf furmaata bal’aa argachuuf tattaaffii Turkii fi jalqabbii dippilomaasii hunda tumsuu fi qindeessuuf qophii guutuu ta’uu ishee mirkaneessiteetti.
Biyyi boba’aan badhaate kun rakkoo kanaan walqabatee “ejjennoo cimaa” qabdu irra deebitee kan ibsite yoo ta’u, xiyyeeffannaan inni jalqabaa “lola keessoo Sudaan keessatti Humnoota Dafee qaqqabaa (RSF) gidduutti taasifamaa jiru keessatti hatattamaan dhukaasa dhaabuu fi diinummaa hatattamaan dhaabuu irratti akka ta’e cimsitee dubbatteetti jechuun Rooyiters gabaaseera


